Tajaajila Eegumsaa
Namoota balaa eegumsaa hamaa isaan mudataniif gaaddisa yeroof nageenya qabu mirkaneessuu
PSTIC baqattootaa fi koolu galtoota dhimma eegumsaatiin mana jireenyaa nageenya qabu akka argatan gargaara
Sarara bilbilaa: 01200944111
Tajaajila Fayyaa
Abukaatummaa fayyaa/ Deeggarsa hospitaalota keessatti kunuunsa fayyaa hatattamaa argachuuf (24/7argamuu danda’a)
PSTIC, michuu Biyya Namaa Gibxii (TdH) ti. Hakiimotaa fi narsoota baqattootaa 24-7tti argaman kanneen michoota eegumsa fayyaa waliin ta’uun kunuunsa fayyaa filannoo hatattamaa fi gatii madaalawaa ta’e argachuuf gargaaran qaba. Hojjetoonni Xiin-sammuu Ogeessota Xiin-sammuu waliin ta’uun namoota dhukkuba sammuu qabaniif madaallii, wal’aansa, fi rifaralaa 24-7 ni kennu.
Sarara Ho’aa 24/7: 01127777404
Tajaajila Xiin-sammuu Hawaasummaa
Kunuunsa fayyaa sammuu / Deeggarsa saayikooshawaasummaa / Giddugala gorsaa / Sarara gargaarsa hubannoo hawaasaa
PSTIC, michuu Biyya Namaa Gibxii (TdH) ti, garee leenjii Hojjettoota Saayikooshawaasummaa Eertiraa, Itoophiyaa, Somaaliyaa, Sudaan, Sudaan Kibbaa, Iraaq, Siiriyaa, fi Yaman irraa dhufan kan deeggarsa saayikooshawaasummaa hawaasaa fi mana keessatti hundaa’e 24-7, bulchiinsa dhimmaa, rakkoo furuu, gorsa, odeeffannoo waliif qoodu, rifaralaa fi deebii hatattamaa kennu qaba guutuu Kaayiroo Guddittii fi Qarqara Kaabaa keessatti. Hojjetaa Saayikooshawaasummaa hawaasa kee keessa jiru afaan kee dubbatu bira ga’uuf, Hogganaa Hawaasa kee gaafadhu ykn Sarara Gargaarsa PSTIC bilbili.
Sarara Ho’aa 24/7: 01110866333 / 01127777005
Dhimmota arifachiisaaf, Sarara odeyfannaa PSTIC irratti bilbilaa, bellamni akka siif kennamuf, battalumatti bellamani hatattamaa siif godhama akka mana yaal demuuf.